Barreeffama dhama qabu kana Lammii Beenyaa barreessee dubbisaa. --

Barreeffama dhama qabu kana
Lammii Beenyaa barreessee dubbisaa.
--
Dhimma MIDROC walqabatee falmii deemaa jiru irratti:

- Ummanni akka daandiitti bahu kan dirqisiisaa jiru OPDOdha. Ummata keenyarratti shira dhoksaa dalagdee gaafa ummanni itti dammaqu ammoo waan qabduuf gadhiistu wallaalti. Dhimma MIDROC ilaalchisee dhimma kana kan hordofu Waajjira Albuudaa fi Inarjii Oromiyaa ture. Dhimma haaromfamuu hayyama MIDROC kanas hubannoo guddaa qabu. MIDROC osoo ummata miidhaa jiruu hayyamni akka haaromfamuuf kan murteessan waa lamaafi: tokko hanqina sharafa biyya alaa isaan mudatee jiru furachuuf yoo ta'u kan lammataa ammoo, gubboo fudhataniiti. Hayyama kanaan walqabatee rakkoo uumamaa jiru kanas akka waan qaamni biraan duubaan dhiibaa jiruutti lallabuun kun fudhatama hinqabu. Xalayaa hayyamaa kana kan mallatteesse qondaala OPDO Mootummaa Maqaasaa ti. Daarikteerri qunnamtii ministera sanaa miseensa OPDO kan ta'e Baacaa Raajii jedhama. Dhimma kanas itti amananii sadarkaa mootummaatti irratti mari'atamee kan haaromfame ta'uu mirkaneeffannee jirra. Haga ammaatti ejjennoon qabatames hayyama sana ni haqnaa osoo hin taane hawaasaaf hubannoo kennina kan jedhudha. Ummanni keenya shira kana mormuuf mirga qaba jedheen amana. Mormii kanammoo karaa isatti fakkaate adeemsisuu danda'a. Hiriira bahuu, nama bakka buufatee qondaaltota waliin haasa'uu, diddaa adda addaa gaggeeffachuu danda'a. Haga ammaattis dubbiin kun kan jabaatee as gaheef waan ummanni aariin daandiitti bahee mormeef ta'uu hubatamuu qaba. Osoo ummanni daandiitti bahee hin mormine ta'ee miidiyaanis hin qaqqabu, falmiin gama hundaan hin ka'u, yakka dhaabbata kanaas ummataaf saaxiluun hin danda'amu. Injifannoon MIDROC irratti galmeeffamaa jiru bu'aa hiriira bahuun mormuuti jedheen amana. Kana jechuun garuu filannoon biraan hin jiru jechuu miti. Filannoon harka mootummaa jira. "Afaanumaan mootummaa nama dhaga'u qabna" jechuu osoo hin taane ummanni akka daandiitti hin baaneef maal gochuu qabna? jechuun walgaafachuu fi fedhii ummataa eeguun hojjechuudha.

- Gaffiin Oromoo deebii haqaa dhorkatamee ukkaamfamee jiraachuun beekamaadha. Gaaffii kana takka LYMn, yeroo biraa ammoo duula ololaan ukkaamee akka bira darbamuuf yaadamaa jira. Baatii darbe kana barattoota homaatuu hin beekne Amboo keessaa ukkaamsaanii hidhan. Barattoonni hiriira banaan barattoota kana hiikan. Sila kan barattoota kana hiikuuf murtaa'e maaliif haga hiriirri bahamutti eegame? Waan namni tolaan gaafatu haga inni humnaan daandiitti bahutti eegama? Ammas ummanni LYM nurraa kaasaa, hidhamtoota keenya hiikaa, warra waggaa dheeraa dura ukkaamfamee achi buuteen isaanii dhabame nuuf fidaa jedha ummanni. Gaaffiin kun maaliif hin deebi'u? Maaliif ukkaamsitu?

- Har'a ganama barattoonnii fi Qeerroon magaalaa Naqamtee hiriira bahanii turan. Kaayyoon hiriira kanaa waa lama: tokko mormii MIDROC keessatti ummata keenya Gujiif sagalee ta'uu yoo ta'u kan lammataa ammoo hiriyoonni isaanii waggaa sadab darban Qilinxootti dararamaa jiran akka hiikaman gaafachuuf ture. Hiriira bahame kanarratti OPDOn yakka lama hojjette: tokko Poolisii Oromiyaa haga funyaaniitti hidhachiistee ijoolleetti duulchiste. Humna waraanaas waamtee gaazii ija imimmeessuun ijoollee bittnsan. Kaan ammoo reebicha hamaa irraan gahan. Erga ummanni keenya mirga hiriira bahee waa gaafachuu sarbamee bilisummaan jedhamu kun eessa jira? Kan lammataa miseensota isaanii leenjisuuun ijoollee keessatti bobbaasanii suuqii namaatti dhaagaa guursisan. Ijoolleen hiriira baate namoota dhagaa darbatan kana yeroo qaban yookaan itti dheekkaman poolisiin ammoo warra dhagaa darbatu sana tumsaa ture. Kun maal agarsiisa? Biyya bulchuu moo nagaa booressuuf aangoo qabattan jarana? Sirriitti of ilaalaa.

- Ammas ummata kana hin tuffatinaa. Hidhamtoota siyaasaa hiikaa, warra achi buuteen isaanii dhabame eessa akka bu'an ummata beeksisaa, qaamolee hidhannoorra jiran waliin nagaa buusaa. Biyyi kan waliiti. Akkuma kaleessaa kan sabaaf falmatu ariinee ummata saamaa jiraanna yoo jettanis filannoon kan keessani. Gaaga'ama dhufus itti gaafatamtu.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa