News ODDU Guyaa Ardhaa
April 15 / 2018
Mootummaan woyyaanee umrii angoo isaa dheereffachuudhaaf jecha, yeroo gara yerootti shira xaxee sabaaf sab-lammoota biyyatti jiddutti summii facaasuun hawaasa nagayaa fi jaalalaan barootaaf wojjiin jiraataa ture walitti diruun lubbuu lammiilee gaaga'aa tureera, ammas itti fufeera.
Tibbanas Godina Gujii Aanaa Qarcaa fi aanaalee Naannoo Ummattoota kibbaatiin wol-dangeessanitti shirri wol-fakkaataan maqaa babal'ifannaa daangaa fi Riferandamii jedhuun dabballoonni sirnichaa olola uumuun Saba Geedi'oo fi Oromoota Gujii jiddutti wolitti bu'iinsa uumuun lubbuun namaa fi qabeenya hedduun barbadaayee akka jiru maddeen gabaasaniiru.
Akka jiraataan Aanaa Qarcaa tokko OMN'f ibsetti ka'uumsi lola kanaa,Dhalattoonni saba Geedi'oo kanneen Godina Gujii Aanaa Qarcaa keessa jiraatan hiree murteeffannatiin kophatti baanee ofiin of bulchuu qabna sababa jedhuun jeequmsi kan uumame ta'uun ibseera.
Lolli kun kan gaggeeffamaa jiru Aanaalee Qarcaa, Hamballaa-Waamannaa fi aanaa bulee horaa gandoota hedduu keessatti akka ta'e eeruun, walitti bu'iinsa kanaan gama lamanirraayyuu lubbuun namoota hedduu darbuun himameera.
Guyyaa kaleessas dargaggoonni Oromoo lama dhalattoota Geedi'ootiin haala sukkanneessaa ta'een kan ajjeefaman ta'uu jiraataan Aanaa Qarcaa kun OMN'tti himeera.
Walitti bu'iinsa kana duubarraan harki mootummaa woyyaanee keessa jira kan jedhan jiraattonni, loltoonni raayyaa ittisa biyyaatii fi Poolisoonni federaalas maqaa tasgabbii buusuu jedhuun jidduu seenanii saba Geedi'ootiif tumsuun Ummata oromoo irratti dhukaasuun namoota hedduu irraan miidhaa geessisaa jiru jedhan.
Loltoonni woyyaanee walitti bu'iinsa kana dawoo godhachuun guyyaa kaleessaa konkolaataa Poolisii Oromiyaa tokko irratti dhukaasa banuun, Miseensonni poolisii Oromiyaa hedduun rasaasaan kan dhayaman ta'uu ibsuun, poolisoonni madayan hospitaala Bulee-horaatti woldhamaa jiraachuun himameera.
Dhukaasa kanaan namni maqaan isaa Kaffiyalowu jedhamuu fi Qorataa yakkaa Aanaa Bulee-horaa kan ture rasaasa humnoota kanneeniitiin rukutamuun battalumatti woreegameera kan jedhan maddeen,
Sirni awwalcha isaas guyyaa har'aa raawwatameera jechuun dubbateera jiraataan naannichaa irraa dubbifne kun.
Oduu saafaya kana erga Studio seennee nu dhaqqabeen,guyyaa har'aa loltoonni agaazii achuma Godina Gujii magaalaa Bulee horaa Naannoo buufata konkolaatatti hawaasa nagayaa irratti dhukaasa banuun namoota 2 rasaasan rukutanii, namni tokko battalumatti kan woreegame yoo ta'u, namni tokko ammoo miila isaa irra rasaasaan dhayamuun madaayee Hospitaala Bulee-horaatti waldhamaa jira jechuun Maddeen keenya OMN'tti himaniiru.
Loltoonni agaazii godina Gujii aanaalee heddu keessatti baay'innaan bobba'uun nageenya hawaasa booreessuun jiraattota tasgabbii dhoowwaa kan jiran ta'uu maddeen itti dabaluun dubbataniiru.

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.