Hubachiisa Cimaa Uummataaf, Akeekkachiisa Ariifachiisaa Mootummaaf π³π³π³π³π³π³π³π³π³π³π³ Mootummaan cehumsaa akka hundaahu taasisuun qaxxaamuraan aangoo qabachuuf yaaliin adda addaa taasifamaa akka jiru ni hubatama. Kana milkeeffachuufis xiyyeeffannoo guddaan tooftaan isaan fayyadamaa jiran inni dursaa jeequmsoonni adda addaa biyyitti keessatti akka uumaman taasisuuni dha. ♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦ Gaafa simannaa ABO Buraayyuutti walitti bu’iinsi uumamee gara magaalaa Finfinnee fi kan birootti akka baballatuuf yaaliin taasifamee jalaa fashalaa’eera. Inni kun walitti bu’uunsa sabaaf sab-lammootaa uumuun mootummaan cehumsaa akka dhaabbatu taasisuuf ture. ♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦ Yeroo ammaa immoo jaalala uummati Oromoo fi kan biroo Dr. Abiyyii fi hooggansa isaaniif qabutti fayyadamuun waan Dr. Abiyyiif quuqaman fakkeessanii hiriira deeggarsaa Dr. Abiyyiif waamuutti argamu. Ergaa sagalee (audio message) isaan keessoon waliif ergaa jiran akkas jedha: “Walgahii waliigalaa ADWUI magaalaa Hawaasaatti gaafa Fulbaana 23 geggeeffamu irratti qaamonni jijjiirama jiru hin barbaanne Dr. Abiyyiin aangoo irraa kaasuuf shira xaxaa jiru waan taheef deeggartoonni Dr. Abiy taatan hundi kana mormuun hiriira bahuu qabdu. Kun Itoophiyaa oolchuuf carraa dhumaa nuti qabnu dha.” Hooggansa jijjiiramaa kana deeggaruuf gorsi ormaa nu hin barbaachisu obboleewwan koo. Haa abshaalomnu!! ♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦ Kanaaf uummati keenya Dr. Abiyyiinan deeggaraa jira jedhee shira waamichaa hiriiraa kana irratti akka hin hirmaanne wal hubachiisuu qabna. Yeroo ammaa hooggansa jijjiiramaa kana kan deeggarru biyya tasgabbeessuuni dha malee hiriira hin barbaachifne keessatti hirmaachuun akka hin taane jala murree wal hubachiisuu qabna. ♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦ Mootummaanis shiirri akkasii jiraachuu isaa hubatee qaamota shira kana keessatti hirmaatan to’annoo jala oolchuun seeratti akka dhiheessu akeekkachiisuun barbaachisaa dha. Xawalwaalloti faayidaa dhuunfaaf jecha hoogansa jijjiiramaa kana irratti danqaa/gufuu ta’an jiraachuu dandahu waan taheef mootummaan qorannoo taasisee tarkaanfii dhumaa isaanirratti akka fudhatu akeekkachiisuun nurraa eegama. Uummannis xawalwaallota mootummaaf saaxiluun tarkaanfiin akka fudhatamu taasisuu qaba. ♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦ Dhimma kana uummannis hubatee akka wal hubachiisuuf, akkasumas mootummaanis ef-eegganno barbaachisu gochuun tarkaanfii olaantummaa seera kabachiisu akka fudhatu akeekkachiisuuf ergaa kana yoo xiqqaate namoota 10iif erguun dirqama lammummaa keessanii bahadhaa! ♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦ Gadaan Gadaa Bilisummaati! Horaa Bulaa! ~ by Manaye A.Shagrdi.
Hubachiisa Cimaa Uummataaf, Akeekkachiisa Ariifachiisaa Mootummaaf
π³π³π³π³π³π³π³π³π³π³π³
Mootummaan cehumsaa akka hundaahu taasisuun qaxxaamuraan aangoo qabachuuf yaaliin adda addaa taasifamaa akka jiru ni hubatama. Kana milkeeffachuufis xiyyeeffannoo guddaan tooftaan isaan fayyadamaa jiran inni dursaa jeequmsoonni adda addaa biyyitti keessatti akka uumaman taasisuuni dha.
♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦
Gaafa simannaa ABO Buraayyuutti walitti bu’iinsi uumamee gara magaalaa Finfinnee fi kan birootti akka baballatuuf yaaliin taasifamee jalaa fashalaa’eera. Inni kun walitti bu’uunsa sabaaf sab-lammootaa uumuun mootummaan cehumsaa akka dhaabbatu taasisuuf ture.
♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦
Yeroo ammaa immoo jaalala uummati Oromoo fi kan biroo Dr. Abiyyii fi hooggansa isaaniif qabutti fayyadamuun waan Dr. Abiyyiif quuqaman fakkeessanii hiriira deeggarsaa Dr. Abiyyiif waamuutti argamu. Ergaa sagalee (audio message) isaan keessoon waliif ergaa jiran akkas jedha: “Walgahii waliigalaa ADWUI magaalaa Hawaasaatti gaafa Fulbaana 23 geggeeffamu irratti qaamonni jijjiirama jiru hin barbaanne Dr. Abiyyiin aangoo irraa kaasuuf shira xaxaa jiru waan taheef deeggartoonni Dr. Abiy taatan hundi kana mormuun hiriira bahuu qabdu. Kun Itoophiyaa oolchuuf carraa dhumaa nuti qabnu dha.” Hooggansa jijjiiramaa kana deeggaruuf gorsi ormaa nu hin barbaachisu obboleewwan koo. Haa abshaalomnu!!
♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦
Kanaaf uummati keenya Dr. Abiyyiinan deeggaraa jira jedhee shira waamichaa hiriiraa kana irratti akka hin hirmaanne wal hubachiisuu qabna. Yeroo ammaa hooggansa jijjiiramaa kana kan deeggarru biyya tasgabbeessuuni dha malee hiriira hin barbaachifne keessatti hirmaachuun akka hin taane jala murree wal hubachiisuu qabna.
♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦
Mootummaanis shiirri akkasii jiraachuu isaa hubatee qaamota shira kana keessatti hirmaatan to’annoo jala oolchuun seeratti akka dhiheessu akeekkachiisuun barbaachisaa dha. Xawalwaalloti faayidaa dhuunfaaf jecha hoogansa jijjiiramaa kana irratti danqaa/gufuu ta’an jiraachuu dandahu waan taheef mootummaan qorannoo taasisee tarkaanfii dhumaa isaanirratti akka fudhatu akeekkachiisuun nurraa eegama. Uummannis xawalwaallota mootummaaf saaxiluun tarkaanfiin akka fudhatamu taasisuu qaba.
♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦
Dhimma kana uummannis hubatee akka wal hubachiisuuf, akkasumas mootummaanis ef-eegganno barbaachisu gochuun tarkaanfii olaantummaa seera kabachiisu akka fudhatu akeekkachiisuuf ergaa kana yoo xiqqaate namoota 10iif erguun dirqama lammummaa keessanii bahadhaa!
♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Horaa Bulaa!
~ by Manaye A.Shagrdi.

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.