Obbo Geresu namni kamiyyuu qabsoo.....

Obbo Geresu namni kamiyyuu qabsoo Oromoo irratti muree murteessaan ana qofa jedhee monopoly 'n waan hunda murteessuun akkuma dogogora tahe namni hujiirraa ariyamee ji'a sadihiif hujii dhabee wareegama ilmaan Oromoo sullama godhatee aangoo qabate #Haylemaariyaam kan Oromoo irratti ajjeechaa labsaa ture badhaasuuniis hedduu nama aarsa.

Namni qabsoo Oromootiin huji dhabdummaarraa gara Muummee ministera dhufe haqa Oromoota qabsoof wareegamanii baasuu dhiisee Haylemaariyam QEEYROO irratti ajaja ajjeechaa dabarsaa bahe kan seeraaf dhihaachuu qabu caalaa kan nama aarsu kan jiru natti hin fakkaatu.

Gareen qabsoo Oromoo irratti akka waan monopoly qabutti marii malee ajaja kennaa ture kun kan uumame arraa miti. Garee kana qeequu fii dura dhabbachuun dhimma amma kaasteen walitti fiduun maaliif akka barbaachise nama dhiba.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa