OROMORAA DHALATEE
" Oromoo keessaa dhalatee namni hanga Dr. Abiyyi Ahmed Amaara amansiisuu fi gammachiisuuf rakkatu gonkumaa kana booda kan dhufu natti hin fakkaatu. Inni jara gammachiisuuf waan hin jedhinii fi hin godhin hin qabu. Kana godhu malee biyya kana diigama irraa oolchuun rakkoo dha jedhee yaadeeti tahuu mala. Wareegama hin barbaachifne kan saba irraa dhalate gatii baasisaa jiru kafale. Waan godhe kanaan osoo milkaahee waan tokko ture. Garuu gama lachuunuu rakkoo mudataa jira. Gama Oromootiin maqaa horataa deemaa jiru beeyna. Sabboonummaa Oromoo wajjin wal dhabuu jechuun miidhama hamaa dha. Warra gamaa birattis taanaan galata hin arganne. Inumaa gugguufee jara tajaajiluu fi Oromoo caalaa jaraaf harka bal'isuun isaa 'ati ABO' dha jedhamuurraa isa hin oolchine. Oromoo irraa dhalannaan hangamuu Habashaa gabbartus ati ABO dha, abadan hin amanamtu. Wanjalli kee Oromoorraa dhalchuu qofa. Jara gammachiisuuf rakkachuu caalaa saba ofiif amanamtee likkii jaraatti jara hubachuutu dubbii gar tokkotti baasa. Yookiin si kabajanii jiraatu. Yookiin ammoo didanii wur wur osoo jedhanuu irree Oromootiin akka Wayyaaneetti adabamanii likkiitti galu." ✏️ Yaya Beshir
Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.