Dhimma hidhannoo hidhachuu fi hiikkachuu #Dr_Abiy_Ahmad fi #Jaal_Daawud_Ibsaaf haa dhiifnu. Dhimmi kun isaan ilaallata.

Dhimma hidhannoo hidhachuu fi hiikkachuu #Dr_Abiy_Ahmad fi #Jaal_Daawud_Ibsaaf haa dhiifnu. Dhimmi kun isaan ilaallata.

•Ani kan na dhibe bara kana hundinuu hogganaadha, beekaa, xiinxalaadha.. Kuni hin barbaachisu.
Dhimmi kamuu nama ilaallatu qaba, Waa'een hidhannoo hiikkachuu fi dhiisuu kan ilaallatu hogganoota lamaan mootummaa biyya bulchuu fi Hoggana dhaabichaa ilaallata. Kabajamoo #Dr_Abiy_Ahmed akkasuma kabajamoo #Jaal_Daawit_Ibsaa akkuma kanaan dura walii galtee godhuun jaalalaa fi gammachuun wal dhaga'aa waliin deemaa turtanitti adaraa dhiiga ilmaan Oromo dhangala'eetin isin qabnee jirra, Walii galtee keessan kan dur caalaa jabeessaa fuula duratti deemaa.

•Sabni kuni yoo isin waliif galtan waanjoo gabrummaa firraa kaasuun diinagdeen of ijaaree addunyaan dorgomuu danda'a. Yoo isin wal dhabdan gabrummaan jaarraa tokkoo oliif nurra ture ammaas nurra dheerata.

•Warri #FACEBOOK Irraa ololaan hidhachiisuu fi hiikkachiisuu irratti duula ololaa habashootaa waliin banaa jirtan, Adaraa of hin rakkisinaa... Dhaabni FB irratti hidhate hundi hiikkatee jira, kan lafatti hidhate ammoo FB irratti akka hin hidhanne hubachuun.. Amma qabsoo ololaa irraa gara qabsoo siyaasaa fi diinagdeetti yoo ceene qofa saba kanaaf bu'aa buusuu dandeenya. Ta'uu dhabnaan......?????

Dhimma hidhannoo hidhachuu fi hiikkachuu nama lamaaf haa dhiifnu.
Isaanis #Dr_Abiy_Ahmd fi #Jaal_Daawit_Ibsaaf haa dhiifnuu...

Yaada kana irratti Moormii goggooyduu osoon taane yaada bilchina qabu, Gorsaa fi qeeqa ijaaraa, ykn yaada deeggarsaa... kennaa.

Ni baranna.
Ni barsiifna.
Wal barsiifna.

Fawaz Ahmad Oromiya tiin
Onkololeessa 8, 2018

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa