DHAAMSA_ARIIFACHIISAA
QEERROO OROMOO fi HOGGANOOTA #ABO fi OPDO/ODP.
GARAAGARUMMAA KEENYA DHIPHISAA TOKKUMMAA KEENYA CIMSAA DEEMUUTU GALII KEENYAAN NU GA'A.
Fawaz Ahmad Oromiya tiin
Qabsoon FXG irraa gara warraaqsaatti jijjiiramtee qeerroo dargaggoota Oromootiin finiinaa jirtu guyyaadhaa gara guyyaatti babbalachaa fi jabaachaa deemuudhaan yeroo ammaa kana diina ulaa/ holqa/ duubatti deebi’uun hin danda’amne seensiisee jira. Oromoon firii qabsoo isaa, qabsoo FXG gara warraaqsaatti jijjiiramee qeerroo dargaggoota ilmaan isaan finiinaa jiru dhandhamuuf sadarkaa xumuraarra gahee jira jechuun ni danda’ama.
Har’a caasaan diinaa gutummaa Oromiyaa keessaa ciramee bahaa jira.
Caasaan diinaa duraan ummata goolaa ture Miseensa xiqqaa irraa hanga kaabinee gandaa, Onaa fi Godinaatti Oromiyaa keessaa gara magaalaalee gurguddoo biyyattiitti baqachaa jiru. Gariin bakka irraa dhufanitti deebi'aa jiru.
Injifannoon kun salphaatti lafaa ka'ee waan dhufee miti, Dhiiga qeerroo kumaantamaa fi Wareegama Waraana Bilisummaa Oromoo meeqaan dhufe.
Wareegamni ba'e kuni ilmaan abbaa tokkoo duugdaa fi garaa ta'anii baroota dheeraaf akka diinaatti wal ilaalaa turan walitti firoomsee sadarkaa har'a geenye kanaan nu ga'ee jira.
•Kana booda qabsoon keenya guddaan walii galtee ilmaan Oromoo addattuu #ABO fi #OPDO jiddutti ta'ee jiruufi ammallee itti fufu kana tiksuu ta'a. Hubadhaa nuti akka sabaatti diina keenyaan moo'amnee hin beeknu. Garaagarummaa xiqqaaf gargar baanee walii keenyaaf wal cabsaa turre, Kuni shakkii hin qabu.
Yoo nuti tokko taanee wal dhageenyee wal jala deemuun dhimma saba keenyaa irratti waliin hojjanne #Wayyaanee fi #Nafxanyoota dadhaboo kanaa mitii #Afrikaa guutuu firraa dhoorguu dandeenya.
Kanaaf
1, Kana irratti Gaheen qeerroo ammallee guddaadha, Akkuma dhiiga dhangalaasuun jijjiirama kana finnetti ammallee walii galtee kana tiksuuf gaafatamni guddaan kan Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta'uu dagachuu hin qabnu. Qeerroon qabsoo goonee wayyaanee boollatti galchine, qabsoo godhuun garaagarummaa kana dhiphisuun dirqama keenya ta'uu hubachuutu nurra jiraata.
2, Gama biraatin Hogganoonni Qaama mootummaa ilmaan Oromoo ta'anii fi Dhaaba keenya ABO Waan hunda caalaa Oromummaan akka caalu hubachuun garaagarummaa xixiqqaa nu jidduu dhufeef jijjiirama dhufe kana boodatti akka hin deebifne irratti hojjechuu qabu. Dhimmoota manatti walitti haasa'uu qabnu gad baafnee alatti irraa wacuu hin qabnu, Kun yoo ta'e kufaatii guddaa keessa nu galchuu danda'a.
Waan kana ta'eef kan irratti waliif galtan jabeessaa kan isiniif hafe ammoo hafuura Oromummaa qulqulluun taa'aa marii godhaa hawaasattiin gad ba'aan dhaamsa kiyya.
•Yoo kana goone salphaatti bilisummaa barbaannu san arguu dandeenya. kan hunda keenyaaf bu'aa qabuus kanuma. Wal ciruu fi wal balaaleeffachuun hanga har'aatuu waan nu miidhe malee nu fayyade hin qabum
Hubadhaa :- Wal dhabdeen xiqqaan nu jidduu dhufu Oromoof naasuu guddaa yeroo ta'u diinaaf garuu gammachuu akka taate hubachuun irratti hojjechuun dirqama keessan lamaanuuti. Asumattin gabaabsa yeroo biraa bal'inaan walitti deebina.
Garaagarummaa keenya dhiphisaa
Tokkummaa keenya jabeessaa
Walii galteen sochoonaan
salphaatti injifachuu dandeenya.
GALATOOMAA.
#Fawaz_Ahmad_Oromiya
Onkololeessa 8, 2018
#Injifannoo_Ummata_Oromoof

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.