Rayyaa Abba Manccaa

Ustaz Raayyaa Abamecha

Hadiisa akkaan nama rifachiisu kana oso hin dubbisin bira hin dabrin!

nabiyyiin keenya s.a.w waa'ee fatanaa guyyaa Qiyaamaa yammuu dubbatan akkana jedhan:
rabbiin s.w guyyaa qiyaamaa erga ilma namaa hunda wantoota 4 irraa gaafateen booda kan qormaaticha dabree fi kan kufes akka gara Jannataa deeman ajaja jedhan garuu oso jannata
hin geenye riqicha Jahannam gubbatti argamu kan Siraax jedhamu kan rifeensarra qal'aa kan Seyfirra qaraa kan jalli isaa jahannam gubbarra dabruun dirqama jedhan, kan qormaaticha
dabran akkuma hojii isaaniitiin garii akka hangaasuu, garii hamma liphuu ijaa, garii akka farda collee, garii akka nama akkaan figutti riqicha kana irra darbaa oso jiruu namni hojiin keyrii isaa baay'e xinnaa ta'e kan lafa irra shorroqu tokko dhufa jedhan yero kana riqicha kana gubbaa shorroqaa hookkoo riqicha kana irratti argamuun qaamni isaa kutamee garuu wanta hojii keyrii qabuuf shorroqaatuma gara jannataa darba jedhan, kana booda warri qormaata kufe hundi riqicha kana irraa harca'anii jahannamitti dhuman jedhan s.w itti dabalanii ergamaan rabbii Qur'aana keessaa ayaata kana qara'an
ﻭﻧﻨﺠﻲ ﺍﻟﺬﻳﻦ ﺍﺗﻘﻮ ﻭ نذﺭ ﺍﻟﻈﺎﻟﻤﻴﻦ ﻓﻴﻬﺎ ﺟﺜﻴﺎ
warreen rabbi sodaatan najaa baafna kanneen dilii dalaguun lubbuu isaanii miidhan hunda jahannam keessatti isaan lakkifna jedhe rabbiin s.w

yaa Rabbi warra qormaata kufee siraax irraa harca'ee ibidda jahannamitti dhumu nun taasisin! Ya Allah najaa nu baasi yaa rabbi!

SHARE GODHAA WAL YAADACHIISAA jaza kallaah

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa