KFCO LIXAA OROMIYAA

KFCO 'n lixa Oromiyaa deemee akka ummataa wajjiin hin mariyanne labsii yeroo muddamaatiin dhoorkanii karaa deebisanii ofiif ammoo bakka hunda deemanii "Dhaabilee siyaasaa Oromoo wajjiin mariyanna " jedhanii haasawuun waltajjii oowwisuu fii dhihanuma miidiyaatiif malee bu'aa biraa hin qabu.

OPDO'n  dhaabbilee siyaasaa Oromo hundaa wajjiin mariyachuu yoo barbaadde :
-Labsii yeroo muddamaa kaasuu.
-Hidhamtoota siyaasaa maqaa dhabbilee siyaasaa kanaa hidhaman hiikuu.
-Moggaasaa shororkeessummaa fii labsii farra shororkeessummaa san haquudha.

Kanaan ala waltajjii argame hundarratti tokkummaa Oromoo cimsuuf dhaabilee hundaa wajjiin mariyanna jechuun hirmaattota mirqaansuu fii cibcabaaf argachuuf qofa waan dubbatamu fakkaata.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa