Warshaan Midroc gaazii summaawaa
Warshaan Midroc gaazii summaawaa fii xuraawaa kosii baasuun faalaama qilleensaa hamaa uumuudhaan fayyaa namaa fii beeyladootaarratti midhaa hamaa geessisa ture. Akkuma video kana keessatti argamu, sababa faaalama qilleensaan daa'immaan baayyeen hirrina qaamaa waliin dhalataa jiru. Haadholii ulfaa irraahiis ulfi bahaa jira.
- Ummanni keenya miidhaan kun akka irraa dhaabbatuuf waggoota baayyeedhaaf qabsoo hadhaawaa godhuudhaan qaama dhimmi ilaallatu hundatti iyyatanii turan. Haatahuu malee, qaamni isaan dhagahu osoo hin argamin hafuudhaan Kompany Midroc kan miidhaa ummataarraan gahee fii faalama qilleensaaf gaafatamuu qabuuf hayyamni Albuuda baasuu waggaa 10 fuula duraaf haarayomsameef.
-
Akka heeera FDRE kwt 44 fii 92 jalatti namoonni hundinuu mirga naannoo qulqulluu keessa jiraachuu qabu.
Tumaa heeraa kana hujiirra oolchuuf labsiin tohannaa faalama qilleensaa 300/2002 kwt 3 jalatti qaamni kamiyyuu naannoo faaluu akka hin dandeenye tumee jira. Haaluma kanaan labsiin madaallii dhiibbaa naannoo ( Environmental impact assessment) 299/2002 projetiiwwaan naannoo irratti dhibbaa qaban dhibbaa isaanii akkamiin akka madaaluu qabanii fii dirqama seeraa lafa kaayee jira. Madallii dhiibbaa naannoo keessa dubbiin fardiin hirmaannaa ummataa akka tahees kaayaee jira. Labsiin hayyama Albuuda 816 /2013, kaampaaniin hayyama albuudaa baasuu qabu gochaan seeraan alaa kan akka faalama qilleensaa kan raawwatu yoo tahe hayyamni akka hin haarayoomneef/ irraa haqamu tumee jira.
--
Tumaan heeraa fii seeraa olitti tarraahe kun gaafii ummataaf kan tumsu tahee osoo jiruu miidhaa fayyaadha sababa faalama qilleensaan ummata keenyarra gahu xiyyeeffannaa keessa osoo hin galchin hayyama Midroc haarayoomsan.

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.