Obbo Addisu Arega Kitessa maaloo komiin miidhaafi saamichi MIDROC haaraadha moo?
Obbo Addisu Arega Kitessa maaloo komiin miidhaafi saamichi MIDROC haaraadha moo? Miidhaa kana miidyaa biraa dhiisaa OBN gabaasaa ture. Hayyamni MIDROC akka hin haaromne ummanni erga isinitti himee, mootummaan keessanis akka hjin haaromne erga waadaa seenee waggaa tokko gaheera. Waadaa cabsitanii erga haaromsitanii booda 'rakkoo furuuf yaalaa jirra' jechuun maali? Ummani waadaa cabee hayyamni haarayoomuu yoo mormi dhugaa hin qabuu? Hiriirri mormii kan nagayaan bisaan osoo hin jiigsin godhamu kun hoo maal badii qaba? Inumaatuu warra MNO tuffatee hayyama kana haaromse irratti dhiibbaa uumuuf akka humna ( bargaining power) horattan isin gargaara. Marii jechaa jirtaniifis tumsa ta'a. Kanaafuu ummataan hiriiraa dhiisaa jechurra hayyama san saffisaan haquu irratti fuulleeffadha. Abadan albuunni Oromiyaa madda dhukkubaa ta'ee itti fufuu hin danda'u. MIDROC badii hamma ammaa uumameef beenyaa kafalee Oromiyaa keessaa ari'amuu qaba.

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.