MIDROC fi TUFFII ADWUI

   Daily News From Oromia.

MIDROC fi TUFFII ADWUI,
Kampaanii MIDROC GOLD Shaakkisoo Laga dambii woggoota 20 darban hawaasa keenna worqii keessaa funaannataa kemikaalaan faalaa naafaa fi ballaa, raatuu fi fafa haawwotii fi horiin keenna akka dhalan godhe kana adoo lubbuun jirruu dhaabbitti lafee duddaa nu burkutteesse, deebisanii eeyyama woggaa kudhaanii keennuufiin tuffii Oromoo ( Gujiit) ADWUI'n qabu agarsiisa. Akka baraa malee aka baranne hin bullu jenne malee kunuunsa seenaan kaasuu kunuunsuu hin dandeenna, beekuus. Adoo lageen keenna faalamaanii, adoo bosonni keenna ciramuu, adoo madaalli uumamaa keenna faallawee artiin Waaqi nuu kenne nu jalaa boorottuu adoo nuun hin mar'atin Finfinnee tee'anii haaromsuun kun wolgagalaafata taati. Iyya wollaallee malee lola hin wollaalle. Albuudi kibba Oromiyaa akkuma fedhan abbaa fedhaanii qoodan kun jaarmaya hin barbaachifnee fi jeequmsa waaraa hin qabne akka biyya Koongoo fi Naayijeeriyaa akka dhalatan karaa saaqa.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa