This is a serious Question but what Do we Do as Oromo that is the big problem..... "Humnootni hidhatanii socho’aa turan hidhannoo isaanii waliin itti fufuu moo gaaffii jedhuuf hidhannoo qabatanii itti fufu taanaan maaliif gara biyyaa dhufu?

"Humnootni hidhatanii socho’aa turan hidhannoo isaanii waliin itti fufuu moo gaaffii jedhuuf hidhannoo qabatanii itti fufu taanaan maaliif gara biyyaa dhufu?

 Qajeeltoo ijoon irratti walii galle  qabsoo siyaasaatiif qawwee hidhachuun walitti dhukaasuun  hinbarbaachisu kan jedhudha.  Jaarmiyaaleen siyaasaa yaadaa mo’ataa qofa hidhachuu qabu.  Kitaaba qofa hidhachuun dhufuu  qabu malee  kilaashii qabatanii dhufuu hinqabani. Kilaashii qabatani gara biyyatti dhufuun hinbarbaachisu.  Humnootni hidhatanii turan erga hidhannoo hiikatanii booda maal ta’u kan jedhuuf mana hojii dhimma kana karaa qabsiisu hundeessuuf  qorannaa geggeessaa jirra.  Qorannaa kana akka xumurreen manni hojii dhimma kana hogganee karaa qabsiisu ni hundaa’a. Humnootni hidhatanii socho’aa turanis hidhannoo isaanii hiikkatanii haala isaan gara hojiitti bobbaa’an ni mijieessina.  Isaan keessaa kan nama siyaasaa ta’uu fedhu nama siiyaasaa, kan hojii biraa hojjechuu fedhus akka fedhii fi dandeettii isaatti haalli ni mijaa’afi.

Kanaan alatti qabsoo nagaa geggeessuuf erga  waliigalteerra gahamee booda  hidhaannoo qabannee itti fufna yaadni jedhu hin hojjetu.  Yoo filannoo mo’atan mootummaa ta’anii itti fufuuf, yoo mo’ataman ammoo waraana itti fufuu yaadu taanaan dhufaatiin jaarmiyaalee kanaa hiika hinqabaatu. Kanaafuu, jaarmiyaaleen qabsoo hidhannoo keessa turan hunda waliin marii taasifameen waliigalteen irra gahame qawwee keessan lafa kaa’aatii karaa nagaa fi yaada qofaan aangoo mootummaa qabachuuf  qabsaa’aa kan jedhudha!
Kanaafuu, jaarmiyaan siyaasaa hidhannoo qabatee itti fufu tokkollee hinjiraatu!"

Muummicha Minstraa FDRI Kabajamoo Dr. Abiy Ahimad

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa