Qeerroo Oromoo maraaf! Waamicha leenjii waraanaa Ministeerri Ittisaa baase akka hiree guddaatti fudhachuun baay'inaan galmaahuun haalaan barbaachisaa dha.

Qeerroo Oromoo maraaf!
Waamicha leenjii waraanaa Ministeerri Ittisaa baase akka hiree guddaatti fudhachuun baay'inaan galmaahuun haalaan barbaachisaa dha.

Ogummaa adda addaa humna ittisaa sana keessatti lakkoofsi ilmaan Oromoo akkuma wayyabummaa sabichaatti bakka olaanaa qabachuu qaba. Waggaa 27n darban waraanni sun waraana diinaan ajajamu fi nu ajjeesuuf kan hidhate waan ta'eef balaaleffachaa turre. Akka ilmaan Oromoo waraana sanatti hin dabalamnee fi kan keessa jiranuu hidhannoo isaanii fudhatanii keessaa bahan waamicha godhaa baane.

 Hojiin Janaraal Kamaal Galchuu fi jaallan isaa hojjetanis kanaan wal qabata ture. Waraana sanarraa cabsatanii bahuun kanaaf akka hojii gootummaatti faarfame. Yeroo sana humni ajajaa gubbaa akkuma jirutti diina Oromoo waan taheef achi keessa taa'anii warraaqsa geggeessuun waan hin yaadamne ture. Kanneen yaalii kana godhanis itti dammaqamee adabbii hamaa adabaman.

Har'a garuu tarsiimoo sanarra cmaa tahe hordofuu qabna. Amma barri bara keenya. Waraana sana joolleen Oromoo lakkoofsa wayyabaan itti galtee dhuunfachuu qabdi. Loojistikii fi bajata mootummaatiin leenjii kana fudhachuu fi achi keessatti bakka furtuu furtuu qabachuuf carraan akka ammaa kun hin jiru. Itoophiyaa kana akka lakkoofsa keenyaatti qabnee deemuunii kan dandeenyu yoo waraana sana dhuunfanne qofa.

Boru waan dhufu hin beeynu. Hamaa bor nutti dhufuuf jiru ofirraa deebisuuf waraana sana keessatti humna amansiisaa qabaachuutu dirqama. Dheengadda gaafa waraanni hidhatee humnaan masaraa dhaqu san osoo humni waraanaa heddumminaan Oromoo of keessaa qabu jiraatee yaaliin ija jabinaa akkasii hin godhamu ture. Yoo godhames humna Oromoon guutametu dafee muummicha keenyaaf diramata ture.

 Garuu gaafa rakkoo qotee bulaa naannoo Shaggar kan leenjiis tahee hidhannoo waraanaa homaatuu hin qabnetu shimala isaa qabatee waan ofii irratti du'uuf of qopheesse. Yaa Oromoo, kun ergaa guddaa siif dabarsuu qaba. Barnoota guddaa irraa barachuu fi hegeree keenya irratti ammuma irraa hojjechuu gaafata.

Qeerroo keenya dhagahi!
Yeroon kun yeroo itti qawwee caccabduu qabannee lamaa fi sadiin ganda keessa deemuun balaa Oormootti dhufuuf jiru deebisuu dandeenyuu miti. Taankii, miigii, jeettii, misaayila, laawuchaaraa fi meeshaalee waraanaa gurguddaa mootummaa keessaa harka guddaa qabaachuu qofatu ulfina keenya tiksa. Kanaaf ammoo beeksisa amma bahe kanatti fayyadamuun keessatti galmaahuun hiree guddaa dha.

 Warri duraan waggaa 27 biyya keenya irratti nu salphisaa bahan lakkoofsa namaan nu caalanii miti. Gootummaadhaan nu caalanii miti. Beekumsa waraanaatinis nun caalle. Waan tokko qofaan nu caalan. Humna waraanaa sana dhuunfachuu isaaniiti. Meeshaa waraanaa fi leenjii barbaachisaa gahaa harkaa qabaachuudhaan waan fedhan nurratti murteessaa bahan. Nutis akkuma jaraatti olaantummaa ija baase achi keessatti gad dhaabuu qabna jechuu koo miti. Yoo xiqqaate garuu humna waraanaa sana keessatti kootaan ogummaa hundaayyuu kan Oromoo akka caalee argamu gochuu qabnaa dha.

Akka Oromootti qormaanni nu dura jiru baay'ee dha. Rakkoon biyyattii kanaa bakka tokko irraan yeroo furame bakka kaaniin fulla'a. Tokko waliin yoo tumsa uummannu kaan ammoo nurratti ka'a. Oromiyaan akkuma bal'ina lafaa fi heddummina ummataa qabdu, keessa isiitti qaawwa ittiin diinni nu waraanuu danda'u hedduu qabdi. Diinni qaawwota kanaan seeneet gargar nu babbaqaqsuu barbaada. Qaawwota kana hunda yeroo tokkotti cufachuu hin dandeenyu. Adeemsa keessa garuu irra aanaa deemna. Sanaaf ammoo dinagdee, beekumsaa fi humna namaa guddaa qabaachuun qofti gahaa miti. Humna waaanaa keessatti bifa lakkoofsa keenya madaaluun gubbaa hanga gadiitti keessatti of arguutu dirqama.

Haaromsa waraana keessatti godhamus kan milkeessinee akka itti waraanichi dantaa keenyaaf dhaabbatu gochuu dandeenyu yoo ogummaa waraanaa hunda keessatti ilmaan Oromoo baay'inaan jiraatan qofa. Kanaafuu joolleen Oromoo warri fayyaa guutuu qabdanii fi ulaagaa guuttan bakka jirtan maraa daddaffiin galmaahuun barbaachisaa dha.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa