Gola Wayyaanee keessaa: Warri Wayyaanee daaw'annaa pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiitti gammadoo miti. Quba qabeenya isaaniitiin ala dhufe.
Gola Wayyaanee keessaa:
Warri Wayyaanee daaw'annaa pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiitti gammadoo miti. Quba qabeenya isaaniitiin ala dhufe.
Waan duubaan isaanirratti shira shiruuf dhufe godhanii shakkiidhaan laalaa jiru. Shakkii isaanii isa guddaa kana gara dabarsuuf jechas olola tokko tokko tolchanii oofaa jiru.
Olollan kana keessaa tokko dhufaatiin Obbo Isaayaas ABO fi ODP walitti araarsuufi kan jedhu. Jarri kun lamaan dhaabota Oromoo afaan tokko dubbatanii fi hiree takkittii waliin qaban tahuu waan dagatan fakkaatu warri TPLF.
Oromoon afaan wal wallaallaan, Oromoon qawwee walitti fudhannaan Isaayaas walitti araarsuu dhufe jechaa jiru. ABOn ammallee toyannoo Isaayaas jala waan jiruuf Dr. Abiyyi osoo hin taane Isaayaas jalaa dhagaha, kanaaf dubbiin hammaannaan Isaayaas dhufe jechuun gola keessatti dubbataa jiru.
Oromoon kana irraa maal hubata? Eeyyee, maalis tahu rakkoo keenya numatu furachuu qaba. Hawwiin Wayyaanees tahee warra duraanii Oromoon akka daranuu garaa walitti jabaatu gochuu dha.
Kaleessa Tigraay Online barruu Ingliffaan gadhiise tokkoon waan ABO deeggaru of fakkeessee bulchiinsa Dr. Abiyyi irratti olola doorsisaa tokko facaasee jira. Kunis akkaataa diinni cinaa keenya tokko qabatee isa kaaniin wal nu dhahuuf hojjetuu dha.
Waggaa 27n dabran akka ABOtti biyyaa nu baasanii qabeenya keenya itti ejjetanii saamaa, sabboonaa nama keenyaa ajjeesaa, hidhaa keessatti qaama hir'isaa turanii dirqiitti qabsoo saba keenyaatiin eega buqqa'anii booda har'a cimina ABO leellisuudhaan mootummaa haaromsaa kana doorsisuu yaaduun kolfalchiisaa dha. ABOn cimus, laafus, dhaaba Oromoo ti. Balleessus, tolchus kan Oromooti. Isaan wanni galchu hin jiru. Oromoonis tahee dhaabonni keenya kamuu olola diinni nu qoqqooduuf hafarsu kana irraa cimsanii of eeguu qabun jedha.

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.