~By Yaya Beshir Odeessa kana keessa beekessa tokkotu naa erge. Miidiyaaleen keenya biyya keessaa dubbii kana qorattanii ummatatti saaxiluutu isinirraa eegama. Oromia Media Network, OBN Afaan Oromoo, Raadiyoo Daandii Haqaa - RDH fi kan biroonis. ========================== Dhimma armaan gadii kanarratti yoo miidiyaan qorate (investigative) gaarii dha. Haaromsi bakka san waan jiru miti. Waan PFSA(pharmaceutical Fund and Supply Agency) kana mootummaan quba qabaa laata? Miidiyaan immoo kanarratti maal hojjechaa jiru laata?Hannatu baay'ate,hanna qorichaa. PFSA'n kun dhaabbata qorichaa fi meeshaalee tajaajila fayyaa dhiyeessuun Itiyoophiyaa keessatti beekama. Bulchiinsi PFSA ministeera fayyaa federaalaa jalatti hoogganama. Haatahu malee bara 2010 keessa qofa kuusaa(store) bakka 3 (Shogolee,Qaallittii ,Jimmaa) fi 2011 immoo bakka 1(አደስ አበባ ቅርንጫፍ ቁጥር 2,naanoo Jacrose adda babbahii) hatame. KAN SHOGOLEE: #Qoricha tilmaama qarshii miliyoona 4 olitu hatame. #Hojjettoota waajjira kan Shogolee hojjetan 2tu himatame.Tahus yeroof mana adabaa turanii bahan. Dhimmi isaas erga waajjira abbaa alangaa federaalaa gahee baatii 6. Achumaan cic jedhee jira. KAN JIMMAA: # Qoricha tilmaamaan miliyoona hedduu kan gargaarsaan dhaabbilee mit-mootummaan arjoomame gara dabarsan. #Odiitarri PFSA(internal auditor) gara Jimmaatti imalee sanadni gara darbee achumaan cic jedhe. KAN QAALLITTII FI FINFINNEE LAKKOOFSA 2(JACROSE AREA) #Kan lachuu hunda caalaa qarshii miliyoona hedduu yoo xiqqaate miliyoona 20 oli. #Waardiyootni waajjira kanaa ejensii MALTO jedhamuun bara 2010 keessa akka qacaraman tahe. 2010 dura waajjira PFSA tu ofii beeksisa baasee qacarata ture. Waardiyootni karaa ejensii MALTO jedhamuun PFSA tti qacaramanii guyyaa kuusaan Qaallittii fi Finfinnee lakk.2 hatame eegaa turan badanii jiru. Maqaan waardiyoota guyyaa qabeenyi bade eegaa turan MAQAA SOBAA, GANDAA FI KUTAA MAGAALAA galmeeffame keessa hin jiran. Kanaaf qaamni na ilaallata jedhu miidiyaa dabalatee dhimma kana gadi fageenyaan qorachuu qaba. Hoogganootni PFSA fi ejensii MALTO jedhamu akkasumas waajjirri ministeera fayyaa federaalaa haaqorataman, miidiyaatti bahanii dhimma kanarratti ibsa haa kennan. UUMMATNI QORICHA DHABUUN DARARAMU XIQQAA TAHUU BAATUS,RAKKOON BAKKA KAM AKKA TAHE BEEKAMUU QABA.
Odeessa kana keessa beekessa tokkotu naa erge. Miidiyaaleen keenya biyya keessaa dubbii kana qorattanii ummatatti saaxiluutu isinirraa eegama. Oromia Media Network, OBN Afaan Oromoo, Raadiyoo Daandii Haqaa - RDH fi kan biroonis.
==========================
Dhimma armaan gadii kanarratti yoo miidiyaan qorate (investigative) gaarii dha. Haaromsi bakka san waan jiru miti.
Waan PFSA(pharmaceutical Fund and Supply Agency) kana mootummaan quba qabaa laata? Miidiyaan immoo kanarratti maal hojjechaa jiru laata?Hannatu baay'ate,hanna qorichaa.
PFSA'n kun dhaabbata qorichaa fi meeshaalee tajaajila fayyaa dhiyeessuun Itiyoophiyaa keessatti beekama. Bulchiinsi PFSA ministeera fayyaa federaalaa jalatti hoogganama.
Haatahu malee bara 2010 keessa qofa kuusaa(store) bakka 3 (Shogolee,Qaallittii ,Jimmaa) fi 2011 immoo bakka 1(አደስ አበባ ቅርንጫፍ ቁጥር 2,naanoo Jacrose adda babbahii) hatame.
KAN SHOGOLEE:
#Qoricha tilmaama qarshii miliyoona 4 olitu hatame.
#Hojjettoota waajjira kan Shogolee hojjetan 2tu himatame.Tahus yeroof mana adabaa turanii bahan. Dhimmi isaas erga waajjira abbaa alangaa federaalaa gahee baatii 6. Achumaan cic jedhee jira.
KAN JIMMAA:
# Qoricha tilmaamaan miliyoona hedduu kan gargaarsaan dhaabbilee mit-mootummaan arjoomame gara dabarsan.
#Odiitarri PFSA(internal auditor) gara Jimmaatti imalee sanadni gara darbee achumaan cic jedhe.
KAN QAALLITTII FI FINFINNEE LAKKOOFSA 2(JACROSE AREA)
#Kan lachuu hunda caalaa qarshii miliyoona hedduu yoo xiqqaate miliyoona 20 oli.
#Waardiyootni waajjira kanaa ejensii MALTO jedhamuun bara 2010 keessa akka qacaraman tahe. 2010 dura waajjira PFSA tu ofii beeksisa baasee qacarata ture. Waardiyootni karaa ejensii MALTO jedhamuun PFSA tti qacaramanii guyyaa kuusaan Qaallittii fi Finfinnee lakk.2 hatame eegaa turan badanii jiru. Maqaan waardiyoota guyyaa qabeenyi bade eegaa turan MAQAA SOBAA, GANDAA FI KUTAA MAGAALAA galmeeffame keessa hin jiran.
Kanaaf qaamni na ilaallata jedhu miidiyaa dabalatee dhimma kana gadi fageenyaan qorachuu qaba. Hoogganootni PFSA fi ejensii MALTO jedhamu akkasumas waajjirri ministeera fayyaa federaalaa haaqorataman, miidiyaatti bahanii dhimma kanarratti ibsa haa kennan.
UUMMATNI QORICHA DHABUUN DARARAMU XIQQAA TAHUU BAATUS,RAKKOON BAKKA KAM AKKA TAHE BEEKAMUU QABA.

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.