Heerri naannoo Oromiyaa ammoo sadarkaa hundatti mirga ofiin of bulchuu gonfachiisee jira.
Heerri naannoo Oromiyaa ammoo sadarkaa hundatti mirga ofiin of bulchuu gonfachiisee jira.Heerri MNO kwt 86 Bulchaan aanaa miseensa mana marii keessaa mana mariin filama/mudama jechuun tumee jira. Keeyyata 97 jalatti ammoo bulchaan araddaa/gandaa miseensa mana marii keessaa mana mariin muudama jedha. Haatahuu malee,qabatamaadhaan OPDO'n waggaa 28 dabran guutuu nama ofiif shuumaanii ummatarratti fe'uudhaan ummanni sadarkaa aanaa,gandaa fii godinaatti ofiin akka of hin bulchinu godhudhaa turan.Hoggantoonni gubbaarra jiran nama ummata saamee isaan nyaachisu shuumanii ummata qorii nyaataa fii siragee isaanii godhatan
-
Dhimma kanarratti ammoo Kabaj.obbo Baqqala Garbaa '’Anaan kamuu nama aanaa sanitiin buluu qaba.Gandi kamuu nama ganda sanitti buluu qaba.Godinni kamuu nama godina isaatiin buluu.Ummanni hundi ofiin of bulchuu qaba. Bakka biraatii fuudhanii namarra kaa’uun hafuu qaba. Namni hunduu nama filateen buluu qaba'' jedhanii jiran.
An yaada kana sirrittiin deeggara. Rakkoo baayyeedhaaf furmaata taha jedheen fudhadha!

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.