Galata addaa

Galata addaa 
-
 Ummanni keenya miliyoonatti lakkawamu qehee fii qabeenya isaanii irraa buqqa'uun ta'ee yoomillee hin irranfatamneedha.Oromoon hundinuu hanga tabaroo osoo of hin qusatin ummata buqqa'e kana cinaa dhaabbataa ture.  Akkuma dhalli namaa hujii hunda keessatti wal caalu, ummata Oromoo buqqa'ee kana qubsiisuu fii gargaaruu keessatti namni hundi qooda qabatullee,qoodni namaa kun wal caala. Akeekni barruu tiyya tanaatiis,Ummata buqqa'e kanaaf ummata dirmachiisuu fii ummata damaysanii gargaarsa walitti guuruu kaasee hanga bakka ummanni qubatan qaamaan deemanii daawwachutti  ilmaan sabaa gumachaa hundaa olii godhan kan akka ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, Ustaaz Sufiyaan Kadiir, Ustaaz kaamil Shamsuu, Sheek Jemaal Aliyyi faa galatoomfachuudha. Dhuguma dubbachuuf,ilmaan sabaa qaaliin kun jalqaba yeroo Ummanni buqqa'ee kaasee hanga ammatti of qusannaa tokko malee maatii fii jireenya mataa isaanii moggatti dhiiisaanii dadhabne hifanne osoo hin jedhin ummata biyya keessaaf alaa hiriirsuudhaan ummanni keenya buqqa'e akka gargaaramu godhaa turan. Qaqqaalii ilmaan sabaa Kanaaf silaa arra badhaasa gurguddaan qophessee kennaaf ture. San godhuudhaaf harki waan naaf hin geenyeef ilmaan sabaa hujii boonsaa hojjettanii galatoomaa jechuuniin fedha.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa