Eessa badde jettanii? Lakki fagoo hin deemne.

Eessa badde jettanii? Lakki fagoo hin deemne.
Jirra! Akkuma yaadattan Obbo Baqqalaa Garbaa mana hidhaatti dhukkubsatanii turan. Erga bahanis waldhaansa gahaa hin arganne. Kanaafuu ogeessotaan laanchisuun barbaachisaa ture. Kanumaaf doktara  guddaa waaqi Oromoof kenne bira waliin dhufne. Doktorri kun Dr Guddataa Hinnikkaa jedhamu. Ameerikaa kutaa Kaaliforniyaa magaalaa Los Los Angeles keessatti trauma surgeon beekkamaafi bulchaa hospitaalaati. Biyyattis hospitaala guddaa ummataaf ijaaree jira. Maarree hogganaa keenya wal’aansa barbaadu doktoora keenya hangafticha bira finne. Innis waahillan isaa waliin ta’uun Baqqalaa Garbaa guyyaa sadihiif qeensaa hamma rifeensaa qoratan. Jaarsi akka sodaanne dhibee guddaa hin qabu. Doktoroonni nama waggaa hammanaa hidhameefi miidhaan irra gahee fayyaan isaa gaarii ta’uun ni ajaaibsiise. Eebba sabni halkanii guyyaa itti roobsu ta’a. Rakkoo xixiqqoo qorannoon muldhatteef waldhaansi godhameefi jira. Hamma Ameerikaa Kaabaa jiruttis itti fufa. Biyyattis yoo galu doktoroota achii waliin hordofuuf doktoroonni asii waada galanii jiran. Dr Guddataa saba irraa galata guddaa qaba. Way bada nama ofii!! Maatiin dontoorifi Hawaasni keenya LA jirtanis simannaa gootaniif galatoomaa.

Guyyoota muraasa as deeman hojii wahiin busy taana. Torban dhufu maxxansa facebook kan idileettin deebi’a. Hammasiifu baduu kiyyaaf dhiifama.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa